You are on page 1of 2

Qulqullu Ejo

17 hrs ·

Dhimma QUBEE:
Ibsa maanguddoota keenyaa hordofeen jira! Kanneen tibba darbe wacaa turanirra fooyyee qaba:
safuu eeggataniit akka nama barateetti dubbachaa turan, bakka gamteetti illee ofirraa dabarsaa
soorgoofi sookoodhaan haasa'aa turan!
Soorgoo(dubbiin ifa jirtu) Qubeen hinjijjiiramne, hinjijjiiramu, eenyumtuu jijjiiruus hindanda'u
kan jedhu dhaadannoo jara keenyaa tibbanaa sanadha!
Sookoon(dubbiin dhoksaa) Qubeen jijjiirameera, dogongora, barsiisonni keenya ABCD jedhanii
ammumarraa barsiisuu akka eegalan asumaan dhaamsa dabarsinaaf kan jedhu, keessa isaaniitii
miira dhiifama gaafachuufi quuqama Oromummaatu irraa mul'ata!
Ogeessi sirba qindeessee sirba Artisti Alii Birraa: A B jennee kaanaa jedhu jidduu jidduutti
nu'affeeruun dhugaa falmaa jirru nuuf mirkaneesse haa galatoomu!
Qabxiilee isaan kaasaa turan keessaa dhimmoonni jajjaboon:
1. Jarri kan faarsaa turaniifi faarsaa jiran dandeettiiwwan afaanii jiran keessaa dubbisuufi
barreessuu qofadha! Afaan kan baratamu garuu bifa walsimataa ta'een(integrated approach) dha.
Dhaggeeffachuu, Dubbachuu, Seerluga, Jechoota barachuu eessan dhaqan? Moo kitaabicha akka
kitaaba deeggarsa barnootaa Barreessuufi Dubbisuu ittiin barsiisaniitti qopheessuuf aggaamaniit
dogoggoraan Kitaaba barataa taasisan?
2. Mala baruuf barsiisuu(tooftaa dandeettii cimsuu) jijjiirre malee A B C D hinjijjiirre kan
jedhan, kitaaba barataa keessa QABIYYEEfi TOOFTAA BARACHUUtu taa'a malee MALLI
BARUUF BARSIISUU kitaaba barataa keessaa maal godha? Qajeelcha barsiisaa keessa taa'uu
hinqabuu?
3. A B C D n qajeelcha barsiisaa keessatti akka galu ta'uu danda'a, yookin duubarra galuu qaba
ture kan jedhan QABIYYEEN kitaabichaa bu'uurri baratamuu qabu silaa A B C D dhaa bakka
taa'uu qabu dhiisee bakka biraatii maal godha?
4. Abbummaan kitaabichaa, kan uummanni imaanaa isinitti kenne isin harkaa mulqameet kan
ministeera barnootaa ta'e! Isaantu Qubee keenya abbummaa nurraa fudhatee qaama Qubee
nujalaa bittinse! Isin maaf falmitu? Maaf dhugaa hindubbanne? Dhugaa dubbataniit bakka
namatti dhiye bulu jedhanii abbootiin keenya ennaa mamnaakan hindhageenyee?
5. Rakkoon qorannoon EGRA jedhu kan biraa, kan hojjatamemmoo waan biraa! "Kurupheen
gartokko, furguggeen gartokko" jedhu maanguddoonni yoo mammaakan!
6. Warri biroos "L" irraa ka'an, Keenya qofa miti jettani! Gaaridha, garuu nuti jechaa kan jirru
waayee Qubee Keenyaati malee waayee kan warra kaanii miti! Sababiin isaas, akkuma namni
Addunyaa kanarra jiru hundi garaagara ta'e afaanonni addunyaa kanarra jiran hundi addumaani,
amala mataa isaanii qabu! Ormi yoo bade baduu qabnaa? " Akka abaluun sirbaan morma nama
jal'isa" jedhanii ennaa mammaakan hindhageenyee?
6. Namoonni kitaabicha qopheessan dorgomaniiti jettan! Dhuguma dorgommii iftoomina qabuu?
Hidhata kallattii adda addaatiin jirurraa agarsiiftuun shiraa calaqqisaa hinjiranii?
7. Qiilleensarratti dhaadannoon jiru Qubeen hinjijjiiramne kan jedhudha! Uummanni qabatamaan
kitaaba qubee jijjirame baatee taa'u qabatee isin caqasaa akka jiru maaf dagattan?
Walumaagalatti, beekumsi waa lama jedhu maanguddoonni keenya uummamaan qaroo ta'an:
tokko waan beekanirratti kan dabalatan, tokkommoo kan beekan kan nama wallaalchisu! Akka
aadaattis, "Kan beektu wallaali" jechuun abaarsa cimaadha! LAGIM ijoollee keenya dhiisaatii
numayyuu kan beeknu nuwallaalchise!
Yoon balleesse nahoofkalchaa!!
Horaa-bulaa, deebanaa!!

You might also like