You are on page 1of 5

5.2.

Waldiddaa (Conflict)
 Jaargochii waldiddaa humnoota lama jedduutti adeemsifamuurra madda.
 Waldiddaan kunis calqabaa ka’uun sadarka olaanaattii guddachaa deemeeti
dhumarratti furmaata argata.
 Asoosama dhangala’aa tokko keessatti jaargochi caaccuu baay’ee
barbaachisaa yommuu ta’u, walitti bu’iinsa uumuun, qalbii rarraasuun,
fufiinsa seenichaatiif lubbuu hora.
 Jaargochi gaariin waldiddaa uumuun dubbisaan seenichaa akka
gammaduufi qalbiin akka rarrara’u taasisuun sissi’eessa.
 Adeemsa jaargocha keessaatti waldiddaan sababoota garaagaraatiin
uumama.

Waldiddaan caaccuuwwan miseensota asoosama dhangalaaaafi diraamaa


keessatti mul’atu keessaa isa tokkoofi baay’ee barbaachisaadha. Candy, etal.
(1997: 50) akka ibsutti, “conflict is a struggle between two opposing forces in
the plot of a story.” waldiddaan qabsoo humnoota faallaa ta’an lama gidduutti
adeemsifamu ta’ee, jaargocha asoosama dhangala’aafi diraamaa tokkoo
keessatti kan argamu ta’uusaati. Melakneh(1999;63) waldiddaa yoo ibsu,
“Conflict is a clash of actions,ideas, desire or will.” Jedha. Akka yaada kanaatti
waldiddaan, walitti bu’iinsa gochootaa, yaadaa fi fedhii namfakkoota gidduutti
uumamu ta’uusaati.

Edmund, etal. (2005) akka ibsuttutti, “A conflict is a struggle between two


forces in literary work.” Akka yaada kanaatti waldiddaan hojii ogbarruu
keessatti qabsoo humnoota lama gidduutti taasifamu ta’uusaati.
Barry.et.al.(ed).(1992;184) immoo yoo ibsu, ”Conflict is a struggle between
opposing forces that is the basis of the plot of a story.” Jechuun ibsa. Yaadni
kun waldiddaan jargocha seenaa tokkoof bu’ura ta’ee, qabsoo humnoota
walfaallessan gidduutti adeemsifamu ta’uusaa agarsiisa. Asoosama tokko
keessatti waldiddaan qooddattoota gidduutti (Physical Confilct), qooddataafi

1
hawaasa gidduuttii (Ethical conflict) akkasumas, qooddatama tokko keessatti
(Emotional/Psychological) uumamuu danda’a.

5.1.1 Gosoota Waldiddaa

Waldiddaan gochaa walmormiiwwaan qamoota lama jidduutti dhimmoota


garaagaraarratti taasifamudhaa. Gochaan walmormii yookiin waldhabiinsi
kunis haala lamaan mul’ata. Isaanis:- waldiddaa qaama 2alaafi waldiddaa
qaama keessaan walitti bu’iinsa sana mo’achuuf kan taasisanidha.

5.1.1.1 Waldiddaa Alaa (External conflict)

Waldiddaan alaa kan jennu qamootni waldorgoman yookiin walmorman lama


yommuu isaan olaantummaa isanii agarsiisuuf carraaqanitu mul’ata.
Carraaqiin isaan taasisanis wantoota adda addaa faana akkasaan walitti bu’an
isaan tasiisa. Keessumatuu, namfakkiin olaanaan kaayyoo isaa galmaan
gahachuuf jecha yommuu asiifi deddeebi’u qamoota hedduu waliin walitti
bu’iinsa uuma.

A. Waldiddaa namaafi Nama jidduu

Walitti bu’iinsi kuni garaagarummaa ilaalchaa, amantaa, siyaasaa, kaayyoo,


ejjennoo, yookiin eenyummaa namfakkiiwwan qaban irraa ka’uun kan
uumamanidha. Dabalataanis, inni tokko isa biroo caalee fayidaa argachuuf,
fudhatama qabaachuuf, caalee argamuuf yoo carraaqu walitti kan bu’udha.
Asoosama keessattis akkuma namootni addunyaa dhugaarra jiraatan
sababoota garaagaraan walitti bu’an akkuma kanaa addunyaa asoosamaa
keessattis walitti kan bu’anidha. Seenaan hiriyyoota walitti hinaafanii,
waldiddaan obbleeyyan walitti morkatanii fakkeenya waldiddaa namaafi
namaati.

Faakkeenyaaf

“Guyyaatii gara guyyaatti akkuma umuriin koo dabalaa deemuun


dararamnii fi gidiraan na irra ga’uus daran jabaataa deema malee
2
hin hir’anne, kajjeellaa gorora afaan of guutuu malee argadhee
nyaachuuf hincarroomne, anumti anumtu ofuma kootiif
huruursituu taheen of huruurse malee nyaadhee suuga hinbaane.
Bakka yaa’ii injiraaniifi garmaamsa tafkii ta’uu koo homtuu naaf
hinhubatne, anas hin dubbatanne. ….” (Abraam Tasfayee 2008).

Barreeffama kanarraa akka arginutti walitti bu’iinsi obsaafi haadha buddeenaa


isaa jidduutti uumame hammam akka isa miidhe yommuu ibsu kan
arginudha. Qaama biraa faanaa osoo hintaane obsaan gochaa haadha
buddeenaa isaa garmalee isa dararuu isaa irraan kan ka’e baay’ee walitti kan
bu’udha. Innis gochashee kana jalaa bahuuf yeroo sanatti waan godhu waan
hinqabneef ishee faana walitti mufata.

B. Waldiddaa namaafi uumaa:-

Gosti walitti bu’insa kanammoo yerootti namni yookiin qoddattootni


asoosamicha keessaa haalaafi yeroo adda adda keessatti fedhiin isaanii
guttachuu dadhabuun waaqa faana kan walitti bu’anidha. Yerootti uumaa
kana mormee mormiisaa dhageessisudha. yommuu uumaa faana mormii
gaggeessu kanammoo duuba deebi’ee wa’ee jireenyasaa darbee, galma ga’iinsa
har’a dhabaa jiruuf sababni akka uumaa tahetti lakkaa’a. waan akka uumaan
isa miidhuuf ka’eetti oflakkaa’uun mormiisaa haalaan guddisee dhageesis.
Wanta rawwate maraaf balleessaan akka uumaa taheefi uumaanis akka waan
garasatti jal’ateetti yaada. Fakkeenyaaf

"…Yaa Rabbi, kun dhugumattuu maaliif ta 'ee achii dhufaatii hidda


dhaloota kiyyatu abaarsa qabamoo anumatu cubbuu adaba kana
na irratti fidu raawwatee? Uumaa koo naaf himi!! hangana kan
garaa natti si jabeesse maaliree? Iyya koo osoo dhageessuu
maaliif na ja1aa callistaree? … yaa Rabbi, akka harka keetiin hin
uuminiitti maaliif dugda natti gatta? Atis akka maatii koo garaa
jabaattee darbattee na gatte jechuudhaa? Garuu, waa'ee kootiif ka
dhibooftu erga taatee durattuu maaliif na uumte? Gara biyya lafaa

3
kana akkan dhufuuf maaIiif eyyamte? Gadameesuma haadha
kiyya keessatti obbaatiin maktee osoo na hambiste ta’e anaaf
hinwayyu turee? Kanneen ta'an marti akeeka keen ala akka
hintaane nan beeka. Hojiin kee martinuus garummaaf akka ta'e nan
amana. …. Ilaa yaa Rabbi akka bara musee “Mannaa” gad akka
roobsituuf si hindhamaasu……. (Abraam Tasfaayee 2008)

C. Waldiddaa namaafi uumamaa:-waldiddaan kunimmoo wadhabiinsa humna


uumamaa faana qabsoo tasifamudha. Qabsoon akkanaa tattaaffii
jiraachuutiif (for survival ) taasifama. qabuus jiraachuuf jecha kan
taasisudha. Fakkeenyaf, beela, gogiinsa, biqiloota, bineensotafi kkf. Faana
jireenyasaa mo’achuuf jecha kan walitti bu’udha. Fakkeenyaaf;

…..Buubbeen qarqara gabaa biilaatii qummaadee suuta suuta


annisaa horatee, saaxoo lafaa haree, biyyee hammaree waaqatti
olbittimsaa, sabbata mare maree samii keessa munyuuqsaa gara
wiirtuu magaalittitti qajeele. Jabina mana jiraattootaa sochoosee
madaala. laaftuu lafaa butee garaa waaqaa keessatti ol furguggisa,
jabaa bira darbee tarkaanfii butata… (Abraam Tasfaayee 2008)

Walitti bu’iinsi askeessatti arginu kunniin waldiddaa namaafi uumamaa jidduu


jirudha. bakka kanatti yommuu ilaallu gochaa namootni gabaa bilatti
taasifatan mara kan mormuuf ramadaman fakkataa bubbee qarqara sanaa
ka’e. Namootni hedduun kan isaan walbitanii walitti gurguruuf bakka sanatti
walitti qabamani. Garuu qilleensi kuni achitti ka’uunsaa akkasanii waan fedha
isaanii akkasaan hin guttatneef kan dhorkedha. Dabalataanis, manneen
magaalaa sanatti ijaaramanii jiranifillee yaaddoo guddaa kan tahedha.
sababnisaas, kanneen jabaatani hindhabbatnee buqqisee deemuu waan
danda’uufi.

D. Waldiddaa namaafi hawaasaa:- namni jireenya dhugaa keessa jiraatu


tokko qamoota adda addaa faana akkuma walitti bu’u, waldiddaan namaafi
hawaasaa kunis namni dhuunfaan tokko yeroo gareen murtaa’a tokko saba
4
barmaatileefi aadaa, dudhaa, sirnaafi heera bulmaata saba tokkoo
walmakatan mormuun kan ka’an jiraachuu danda’a. Kanarraa kan ka’e
hawaasni aadaafi sirna bulmaataa keenya hin dhiisnu jechuun yeroo falmu
namfakkiin tokkommoo isaan mormuun yoo ka’e walitti bu’iinsi ni umama.
5.1.1.2 Waldiddaa Keessoo (Internal conflict)

Waldiddaan keessaa akkuma maqaasaarra hubatamutti, waldhabbii


qooddataan muummichaa sammuu, xiinsammuufi qalbii, isaa faana
taasisudha. Namni yeroo ofumasaa ofiin waldhabu yaada isaa faana walitti
bu’u of ajiifatuufi of balaaleffatu mul’achuu tanda’a. Waldiddaa akkanaa
keessatti namfakkiin muummichaa kaayyoo isaa galmaan ga’achuuf humna
keessa isaa jiru wajjii waldhaansoo walqaba. Wantoota gara sammuusaatti
dhufanii isa dhiphisaniif yommuu inni deebii kennuu dadhabee ofumasaan
ofitti falmuu eegala. Walitti bu’iinsi kunis kan uumamu:-

 Waldiddaa fayidaafi faayidaa


 Waldiddaa fayidaafi miidhaa
 Waldiddaa miidhaafi miidhaarraa kan madde tahuu

You might also like